Qabxiin guddaa qormaata moodela barattootni keenya galmeessisan irratti garee A keessaa 1ffaa bahuun kan dagatamee ture, akkasumas garee 2n irratti immoo 2ffaa kan bahe barataa qaxalee Walakkeessa waggaa 2017 Milki HSTC barataa Cimdeessaa Geetuu kan jedhamu qabxii dhibba keessaa ture 62% galmeessisuun 2ffaarra dhufee galee jira.
Barataan 1ffaa, 3ffaa fi 4ffaa kan bahan Barattoota Riftii vaalii damee Naqamtee yommuu ta'an, kan 2ffaa fi 4ffaa bahan immoo barattoota Niwujenereeshinii Damee Naqamteeti.
- Boontu Shefarraa (67%)
2.Cimdeessaa Geetuu (62%)
3.Mootummaa Mulgeetaa (60%)
Barattootni kun ofitti amanamummaa isaan qaban adda, darbuu kufuu qormaata bahiinsaaf sodaa hinqaban, ammayyuu qabxii addaa galmeessisuuf garuu ammas wal dorgommii addaatu barattoota keenya gidduutti taasifamaa jira.
Haamilee namatti hortu, jabaadhaa.
Ammas fuuldura keessa injifannoo guddaatu akka jiru argaa jirra.
Milkaa'aa
Waaqni hunda keessan hagargaaru.
Haamilee nuu ta'aafii.