#Barattoota_Milki HSTC
Barattoota keenya Milki Health science TC kanneen 'Exit_Exam' Ji’a 10ffaa bara 2017 milkaa'an faana guyyaa hardhaa sagantaa bareedaa akkasiin dabarsinee jirra.
Waaqni isin ha eebbisu, yaada keessaniif jaalala naaf qabdaniif jecha kennaa addaa nuuf gootaniif isin galateeffachuun barbaada.
Barattoota keenya Milki HSTC kan 'Exit Exam' milkooftanii guyyaa galataa akkasii qopheessitanii nu gammachiisuu keessaniif akkasumas nutti dadhabdaniittuu, maaddii irraa nyaanne galateeffanna jettanii dadhabbii keenyaaf nugalateeffachuu keessaniif heddu nu gammachiisee jira,
Waaqni isin hakabaju.
Akka abbaattis akka obboleessa hangafaattis ajejaaf gorsa an siniif kennu hunda bakkaaf yeroo barbaachisaa tahetti hojiirra oolchitanii kunooWaaqayyo immoo injifannootti nubaasee jira.
Firii ofii akkasitti gaafa argan akkam nama gammachiisaa.
Barataa ofiin kabajamuun akkam namatti tolaa?
Barataa ofiin badhaafamuu caalaa maaltu nama gammachiisaa?
Hanga kana an cimaadha jechuudha, hanga kana laphee keessan keessaa bakkan qaba jechuudhaa.
Galanni Waaqayyoof hata’u.
Kabajaaf jaalalli anaaf qabdan hanga kana gaha jedhees yaadees eegee hinbeeku garuu, dirqamuma ofii seeraan baanan namni gammadu baayyeen akka jirun arge.
Sagantaa kana irrattis kennaa addaa nuu kennitaniif baayyee galatoomaa.
Waggaa kudha ja'aaf (16) dhamaatii keessan firii gaariin xumurtaniittu.
Ammas Waaqayyo jireenya keessan hafe isiniif ha eebbisu.
Baga injifattan.
Gara fuul-duraatti jabaadhee akkan hojjedhu nataasistani.
Hamtuun isin hin argiin
Goomattuun baga afaan qabatte.
Baga dhukkubbii garaachaa kanbiraa itti taatani.
Gaaf tokko hojiin deebinee akka wal agarru abdii guddaan qaba.

Baga Waaqni isin milkeesse.
Isa nun qaanessineef Waaqayyoof galanni haatahu.
