Waggaa lama guunnee jirra
‘Milki Health science TC’ barnoota kennuuf erga hundeeffame kan waggaa lamaa lakkoofsise manni barnootaa keenya kun marsaa sadiif qormaata bahiinsaa (exit exam)f akkasumas ‘COC/Licensure exam’f barattoota qopheessee bu’aa bareedaa dhalootaafis biyyaafis galmeesisne jirra. Karaalee ‘Online’ marsaa lamaaf barattoota biyyaatti keessatti argaman kallattii adda addaadhaa walitti bahanis sirriitti qaruun qormaataaf dhiheessuun injifannoo gurguddaa galmeesisnee jirra.
Barattoota ‘TVET’s kan muummee Faarmaasii fi ‘Clinical nurse’ ta’anis haala bareedaan leenjisnee COC’f qopheessuun barattootni keenyas haala ajaa’ibaan darbanii jiru.
Firiin (bu’aan) dadhabii keenyaas barattoota keenya irratti argaa jirra, kaan hospitaala mootummaatti qabxii babbareedaa fiduun darbuun hospitaalaa fi buufata fayyaatti ramadamanii hojii eegalanii jiru. Kanneen kaan immoo kan dhuunfaa keessattis qacaramuun hojii eegalanii uummata isanii tajaajiluu irratti argamu.Kun nuuf injifannoo guddaa gargaarsa Waaqayyoon waggaa lama keessatti galmeesisnedha.
Injifannoo waggaa lama keessatti galmeessisne kana ammas galmeesisuuf barattoota muummee fayyaa dipiloomaa dhaa hanga digiriitti qormaata bahiinsaa fi COC’ fudhachuuf jedhan sirriitti qaruu irratti argamna. Biyya kamiyyuu taa’uunis karaa ‘Online’ kan galmaa’anii barachuu irratti argaman jiru, itti makamuuf yoo fedha qabaattanis keessan nudubbisaa. Kanneen ammatti barsiisaa jirru kun kanneen walakkeessa fi dhuma waggaa bara 2018titti qormaata bahiinsaa fudhachuuf jedhanidha.

Qormaata bara bahiinsaa COC dabalateef qophiin ammuma waan eegallee waan jiruuf qaamaan dhuftanii barachuuf fedha kan qabdan bakki argama keenyaa Magaalaa Naqamtee gamoo ‘OSSA’ darbii 3ffaa irratti argamna, kan karaa ‘online’ barachuuf fedha qabdanis ‘link’ telegram keenya armaan gadiin nudubbisi..
Waggaa lama guutuu injifannoon kan nugoolabsiiseef Waaqaaf galanii hata’u.
Ammas deemsi keenya itti fufa
Odeeffannoo barnootaa fi dhimma fayyaa waliin wal qabatu argachuuf karaalee armaan gadii nuqunnamaa:
Telegram channel: https://t.me/milkiHSC
Website: Www.milkihealthscience.com
Email: milkihealthscience@gamil.com
Po.box: 212
Lakkoofsa bilbilaaf: 0910690594
Youtube keenyaa barnoota barachuuf: https://www.youtube.com/@milkiHSTC1219